Seena Ummata Oromoo Pdf Compressor

Seena Ummata Oromoo Pdf Compressor 4,4/5 9012 votes

QORUMSSA WA’E UMMATA (SEENAF MOOTUMMA) FUDHACHUUF BARULE NAMA GARGGARAN. Afaan Inglifaa dubbisuu, barresru fi dubbachuu dannadayuu qabdan. Akkasumati waan seenaa fi motuumaa Amerikaa beeku qabdan. Dandettin keesan kan Inglifaa akka asiin gadditi qorama: Dubbisu – Jechota afaan ingliffa akka dubbisfftan.

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Qabsoon Ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa, Bilisummaa fi Walabummaa isaatiif gaggeessaa jiru gulantaa murteessaa irra gahuu, haalli Oromiyaa keessaa sirriitti agarsiisa. Sochiin warraaqsaa ummanni Oromoo gaggeessaa jiru gootummaa, bilchina jaarmayaa fi tooftaan akkasumas Impaayerattii keessattis tahe naannawa Gaanfa Afrikaatti fakkeenya murteessaa tahuu ummata Oromoo dirreetti baasee agarsiiseera. Keessumaa dhaloonni haaraan Gabrummaan Nu irratti Xumura Argachuu Qaba jechuun gootummaa fi murannoon bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf muxannoo qabsoo fi jaarmayaa hunda sochoosaa agarsiisaa jiran lammiif abdii, mootummaa gabroomfataaf ammoo naasuu akka malee itti ta’e. Wayta ammaa kana goleen Oromiyaa fincilaa fi mormii hin keessummeessine hin jiru jechuun ni danda’ama. Magaalotaa fi baadiyyaalee Oromiyaa keessaa sagalee fedhii bilisummaa fi mormii gabrummaatu dhaga’ama. Alaabaa ABO waggoottan kudhanoota dabran goototni kumaatamni hedduun irratti wareegamanii asiin gahan tan faajjii bilisummaa taate qabatanii hiriira bahuu fi bakkoota addaa addaatti fannisanii balaliisuun, alaabaa Impaayerattii mallattoo gabrummaa taate irra ol kaasanii aduun gabroomsaa dhihuu, bilisummaan Oromoo dhiyaatuu labsaa jiru. Walumaagalatti warraaqsa gabrummaatti xumura gochuu akeekkatetu wareegama ilmaan oromoo qaqqaaliidhaan guutuu Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.

Mootummaan TPLF/EPRDF wayta galaana warraaqsaatiin nyaatamee qarqara dhabama isaa jiru kanatti dalagaa raaw’ataa jiruun, gaaffii ummatootaaf amma illee karaa nagaatiin deebisaa laachuuf fedhii akka hin qabnee fi aadaa isaas akka hin taane mirkaneessee jira. Yakki suukanneessaan hidhattoota isaatiin ummata Oromoo irratti itti fufiinsaan raaw’ataa jiru kanaaf ragaa gahaa dha. Ilmaan Oromoo mirga uumaadhaanii fi heera addunyaatiin qaban gaafatuu irraa humnoota waraanaa, tikaa, Poolisa Federaalaa fi milishoota wayyaanee Oromiyaa weeraraniin guyyuu haala namoom-dhab ta’een ajjeefamaa fi hidhamanii zaliiliif saaxilamaa jiru. Kanneen jireenya harkaa gara afaanii gaggeeffatuuf dhama’an badii malee rasaasaan gombisuun, daa’imman hamtuu-toltuu hin beekne, haawwanii fi manguddoota garajabinaan ajjeesuun, Oromoota cidha irra jiranitti dhukaasa banuun dhiiga lolaasuun har’as hin dhaabbanne. Qabsaawota Oromoo falmaa dirreetiin moo’achuu dadhaban summiidhaan galaafachuu irra dabree ummatas haala suukanneessaadhaan fixuun bakkayyuutti sirna nama-nyaataa kanaan raaw’atamaa jira.

Akeekni dalagaa hammeenyaa fi diinummaa kanaas Ummata Oromoo rifachiisanii fi hamilee cabsanii falmaa irraa boodatti deebisuu dha. Qabsoon Bilisummaa Ummatni Oromoo gaggeessaa jiru sadarkaa shiraa fi hammeenya akkanaatiin gufatu irra tarkaanfatuu isaa, fincillii fi mormiin baatiilee 8 oliif itti fufiinsaan Oromiyaa keessaa belbelaa jiru ragaa guddaa dha. Kun gabrummaatti xumura gochuudhaan Galii isaa gahu malee akka hin dhabbatne diinaafis firaafis mirkaneessaa jira.

Addi Bilisummaa Oromoo gocha gara-jabinaa mootummaan wayyaanee lammiilee Oromoo harka duwwaa gaaffii mirgaa dhiyeessaa jiran irratti raaw’atu ammas gadi jabeessee balaaleffachaa, Ummatni Oromoo mirga uumaanis, seeraanis qabu bifa barbaachisaa ta’e hundaan kabajsiifatuuf, wareegama hangamuu nu gaafatu, qabsaawuun mirga isaa tahuu hubachiisa. Waan ta’eef, Ummatni Oromoo diina qe’ee isaatti waggoota 25 guutuu kan itti roorrisaa ture quufuu dadhabee ammas roorrisuutti jiru bifa isaa danda’ame hundaan of irraa qolachuu qofa odoo hin taane, dachee isaa irraa buqqisee biyya isaa irratti abbaa ta’uuf wareegama feesisu baasuu itti fufee sirna bittaa alagaatti xumurri godhamuu qaba. Kun guduunfaa sirna gabrummaa jaarraa lakkaawatee akka tahuuf murteeffatanii socho’uun mala filmaata biraa hin qabnee dha. Driver modem d40 am5 anatel brazil.